Dhangala’aan akka fincaanii qaama saalaa dubartii keessaa yeroo walqunnamtii saalaa xummuruuf jettu faca’u maali
Dhangala’aan akka fincaanii qaama saalaa dubartii keessaa yeroo walqunnamtii saalaa xummuruuf jettu faca’u maali?
Barnoota kiyya har’aatin gaaffii kana isiniif deebisuuf wantin yaadeef, namoonni hedduun waan kana akka dhukkubaatti ykn akka waan sirrii hin taanetti yaadudhaan walqunnamtii saalaa irraa fagaachuu kan filatanii fi jireenya walqunnamtii saalaa isaanii irratti dhiibbaa uumudhaan kan dhiphatan gara dubartoota parsantii 10 ta’uu isaaniti.
Akkuma beekkamu, dhiirri tokko walqunnamtii saalaa godhee dhuma irratti ni dhangalaasa. Dhangala’aan kunis xannacha proosteetii jedhamu kan ulaa afuuffee fincaanii haguugee argamu kan faayidaa hedduu qabuun madduu fi sanyii dhiiraa ykn spermii, dhangala’aa furdaa ta’e kan cidhaan keessatti oomishamu qabata.Egaa, dhangala’aan xannacha proosteetiin oomishamu kuni, amala beezawaa kan qabu yoo ta’u, gartokkeen isaa ispermii dursee dhangala’uudhaan ujummoo fincaanii dhiiraa laaffisa(lubricate). Akkasumas baayina parsantii 70, dhangala’aa dhiirri tokko buqushaa dubartii keessatti dhangalaasuu qabata. Kunimmoo spermii baatee buqushaa keessa iddoo barbaachisu geessuu fi asiidii buqushaa imbaabsessuuf gargaara. Kana malees akka soorataatti spermii gargaara. Dubartii irrattis dhangalaasun kun ni jira. Jiraachun isaa ammoo rakkina fayyaa kamuu hin agarsiisu. Dhangala’aan kuni buqushaa keessaa madda osoo hin taane, xannacha skeene jedhamu kan afaan afuuffee fincaanii haguugee argamuun madda. Karuma isheen fincaan fincooftuun qinxirii(clitoris) jalaan dhangala’a. Dhangala’aan kun fincaa’ullee ni danda’a. Namni baay’een fincaani jedhee fudhata. Haata’u malee dhangala’aan kuni fincaan ofkeessaa hin qabu, foolin isaas isa akka kan fincaanii hin ajaawu. Dhangala’uun isaa, dubartiin suni fedhii gaaridhaan walqunnamtii saalaa gootee quufuu ishii agarsiisa jechuudha. Dhangala’aan kun akkuma kan dhiiraa, waan qaama dubartii laaffisuuf gargaaru, waan akka furrii qal’aa walqunnamtii saalaa itti aanuf, akka buqushaan mijaa’aa ta’u taasisuu danda’uudha.Wanti beekuu qabnu, yeroo fedhii walqunnamtii saalaa, dhiira irrattis ta’ee dubartii irratti, dhiigni hammaan hedduu ta’ee gara hiddoota dhiigaa naannoo qaamota saalaa sooran keessatti kuufamu. Kunimmoo akka buqushaan, qinxiriini fi xannachi skeene jedhamu kuni dhiita’an godha.
Carraa kanatti gargaaramuun dhangala’aan kuni madda jechuudha. Kanaafuu, dubartiin dhangalaasuun ishee fayyummaa guutuu qabaachuu ishee fi xannachi kunillee nagaa ta’uu isaa argisiisa. Dhiphachuu fi yaadda’uun tasumaa hin barbaachisu jechuudha. Waan dubbistaniif galatoomaa, ogeessa fayyaa hawaasaa irraa!
Comments
Post a Comment